Title: Oromiyaa

Author:Xaahaa Alii Abdii
Subject:POETRY
Source:
Words Statistic:words statics
 

Number of words for page:
Oromiyaa

(from Billiqa, a book of Oromo poetry by Oromo poet Xaahaa Alii Abdii - T.A.Abdi)

Gamasiin Suudaan kaaniin Ogadeeniya
Hiriyaa Walaaytaa Sidaamaa Hadiyyaa
Kibbaadhaan Keeniyaa bariin Soomaliyaa
Jabuut fuullee kee ollaa Affariyaa
Toophiyaa miil jalee biyya too Oromiyaa
Ibsaan siif billiqee warraaqsa hurriyaa
Sadoo nafa keetii magaalaa baadiyyaa
Tuuta tiksee burqii hiriirsi waardiyaa
Araddaa boqqoolloo daggala bunneenii
Baddaa midhaan dansaa raaree dheeda loonii
Bosona bineensaa hurruma gammoojjii
Gaarreen malkaa haroo hunduu walii wajji
Waabee laga gamaa gamatti dhawwaaqu
Baaroo gubbaa kaadhee Oomotti burraaqu
Dhidheessaa Aqaaqii gooha caqafadhu
Awaashi Abbayya maqee odeeyfadhu
Xaanaa daangaa jidduu deemee iyyaafadhu
Dhiha barii labsee yaamee dhageeffadhu
Bokkaa kee qaafadhee caama qaqqaamadhu
Asii achi taree bifa tee daaw'achu
Si dhiheeysee hinquufu lammiis dharraa hin bahu
Hawwii tee dhalli kee dhugaan fiixa gahuu
Tumsaa waliif galteen gabroomsaa arihuu
Oromiyaa warraaqi ibsaan kee haa bobahuu

...
Page: 1
 

Help

  • Select one or more words an get availables translation in Logos Dictionary.
  • Set the number of words for each page an refresh the content.
  • Go to begin of the document
  • Go to previous page
  • Go to next page
  • Go to the end of document
  • Libri.it

    CIOPILOPI MARZO 2024 – SULLA MORTE E SULLA VITACHI HA RUBATO LE UOVA DI MIMOSA?IL CAVALIER IDEALEEDMONDO E LA SUA CUCCIA
  • Libri.it
  • Treccani