Title: Kootta wal-harkaa fuuna...

Author:Anonymous
Subject:POETRY
Source:
Words Statistic:words statics
 

Number of words for page:
Geerarssa
KOOTTA WAL-HARKAA FUUNA..

Kootta wal-harkaa fuuna
Akka ijolee abba duula
Nutuu ijolee abba duula.
Geerar geerar naan jedhu
Yoon geerare maal qaba
Eessa kootu mudaa qaba.
Qamalee eegeen dalgaa
Disoon farda gashitee
Ilaalime Abushee
Hankee maaf yeroon darba
Atiso ilma ashite.
Abbayeeko gaariiko
Sitti odeesa raajiiko
Raajiiko hindhumine kana
Haftu hinheerumine kana
Deeggo citaa qabaare?
Kan ganna haammate malee
Deegaan fira qabaare?
Kan tattafate malee.
Deeggo citaa diimessa
Deegni wayya diimessa
Nama wayyaan diimate
Ijooleen obbo hin jettu
Waarissaan isin hin jettu.
Allaatiin deega hin nyaattu, foon isaatu ajaahe laata
Waarissaan deega hin ammattu, moofaatu ajaahe laata.
Deega koo ya farrisaa
Tuuri ammaan si fannisa
Mukka-arbaa daraaretti
Ilma abbaan abaaretti
Niitii jirbbii hin foonetti
Irisa niitii hin moonetti.
Jedheen itti jooreeka
Foon maddii na qooreeka.
Anoo beeka kormikee
Beeka maalaan wallaala
Utuun beekuun marmaara
Itti beeka ilmi kee.

Daldalaa wajjin ganyaa, qirqabaa jabeefachu
Cirtuu wajjin gajamoo, cinqaara jabeefachu
Qotataa wajjin gindii, dhiittasa jabeefachu.
Ergaan dhaladhe hin teenye
Bakka garaa koo hin geenye.
Ijoolle Oromia, ijoolle biyya keenyaa
Kootta wal-bira teenya
Marii walii dhageenya
Akka abbooli keenya
Amma yo mootii mootii
Namini niitii ishee mooti
Niitiin ijoolee mooti
Ijooleen saree mooti
Sareen adala mooti
Adali hindaaqo mooti
Hindaqoon raamo mooti
Raamoon goomana mooti
Goomani garaa mooti.
Amma yo mootii mootii
Kilishoon Malix mooti
Malix Maxxulle mooti
Gorsa Malix fudhatee
Dantaa har'aatif jettee
Garasheef gowwomfamtee
Humna ormatti hirkatte
Maxxulleen lammii mooti
Roorroon itti jabaatee
Lammiin yoo tokko taate
Diinashe hundaa mooti.
Egaa kana hawwiin koo
Tokko haataanu lammi koo.


...
Page: 1
 

Help

  • Select one or more words an get availables translation in Logos Dictionary.
  • Set the number of words for each page an refresh the content.
  • Go to begin of the document
  • Go to previous page
  • Go to next page
  • Go to the end of document
  • Libri.it

    COSÌ È LA MORTE?AMICHE PER LA VITA - Nuova edizioneBIANCO E NEROIL VIAGGIO DELLA MADREPERLA 3 – L’OMBRA DELLE PIETRE
  • Libri.it
  • Treccani