Title: Takka bookkisu laata..

Author:Anonymous
Subject:POETRY
Source:
Words Statistic:words statics
 

Number of words for page:
Geerarssa
TAKKA BOOKKISU LAATA..

Mee takka bookkisu laata
Goota cooksisuu laata
Hiryyeen tarre fidde
Laphe laaftiin didde
Laphe laafeeraa manna
Hin maraateera wayya.
Ani beeka garaa koo
Hin dabarsu tarre koo
Maafan tarre dabarsa
Natuu tarreen dannabsa.
Abbe koo ya taaji koo
Sitti odeessa raaji koo
Raaji koo hin dhumne kana
Haftu hin heerumne kana.
Natti urgaa'e waammin kee
Maqaan kee gootomni kee
Akka ansoosilla birra
Akka foon mata dirra
Akka cooma waadani
Akka goota waamani.
Jaarsa areeda sarsara
Akka leenca dagalaa
Jaarsa dirribi dhuffatu
Isa dhilbi gashatu
Kan dhibba dhachaafatu.
Eessa keetu gabo qaba
Situ yuu maqa qaba
Alshitees ilma qabda
Kan maqa si wamsiisu
Qotatees dilbi qabda
Kan baraaf si koorsisu
Hortees dhibba dachaafta
Gooda horro keessatti
Dubbatees diina moota
Araddoota shaambuutti.
Yoon bixxillee koo nyaadu
Qabeen koo biraa hin haftu
Yommaan abba koo waamu
Harmeen koo biraa hin haftu
Ergaan kitta koo maree
Balee koo marmaruure
Ergaan abba koo waamee
Harmee koo dabaluure;
Amma gogorri hin geessu
Jartiin korommi deessu
Jaartii luucaan dagala
Akka muujja balbala
Harmee koo golli raada
Maqa kee dha'un yaada
Harmee koo dangalaatu
Jaarti mucaan maraatu
Qal'oon kee dhibee hin naatu
Ya dangashee boorana
Jaarti mucaan soolana
Anoo hin baane foolana
Keessan buusa maqa kee
Akka kuula wayya kee
Ya footu calii lama
Ya boontu sanyi nama
Ya haadha dhiira hangafa
Jaarti luucan jargafa
Hin rafu maalin rafa
Duri iyyu rafaan ba'ee
Inni iyyu narra ba'ee
Yoona malee yoomiree
Aayyo mucaan joobiree
Yoona kana yoonisa
Jarti mucaan roorrisa
Yeroo raatuun baqattu
Yeroo gootn danfitu
Yomma sarbbaa tuulani
Yomma darbaa duulani
Gaachana duulaaf bituu
Yoo dhibeef kosii itti haruu
Ilma duulaaf dhashatuu
Kan dhibeef qochisiifatuu

Wayyaa koo dhuma hin dhoolle
Maafan hiddi irraa dheessa
Turraan jirbi balleessa
Lubbu koo dhu'a hin dhoolle
Maafan duula irraa dheessa
Turraan lammi ...
Page: 1
 

Help

  • Select one or more words an get availables translation in Logos Dictionary.
  • Set the number of words for each page an refresh the content.
  • Go to begin of the document
  • Go to previous page
  • Go to next page
  • Go to the end of document
  • Libri.it

    SOLVEIG. UNA VICHINGA NELLA TERRA DEGLI IROCHESIMIRATILÙ BLU VUOLE BENE ALLA SUA MAMMATILÙ BLU VUOLE BENE AL SUO PAPÀ
  • Libri.it
  • Treccani