Title: Ilaal mee harme koo ....

Author:Anonymous
Subject:POETRY
Source:
Words Statistic:words statics
 

Number of words for page:
Geerarssa
ILAAL MEE HARME KOO ....

Geerar geerar naan jedha
Garaan koo waa na fedha
Geeraru maal na gonfu?
Wallallaan natti kolfu
Takka bookkisu laata?
Goota cooksisuu laata?
Ilaal mee harmee koo
Haadha koo jaalalle koo
Amma gogorri hin geessu
Jartiin korommi deessu
Jaartii goodaan dagalaa
Ormi si nyaachuuf maggala
Ani si eegufan foggola
Harmee koo golli raada
Maqa kee dha'un yaada
Harmee koo dangalaatu
Jarti mucaan maraatu
Qal'oon kee dhibee hin naatu
Ya dangashee boorana
Jarti mucaan soolana
Ano hin baane foolana
Keessan buusa maqa kee
Akka kuula wayya kee
Ya deessu bifa lamaa
Tokko isa boontu namaa
Tokko isa galtuu gamaa
Ya haadha dhiira hangafa
Boontun kee yooman rafa?
Ibee keetu narratti hafa
Hin rafu maalin rafa
Duri iyyu rafaan ba'ee
Inni iyyu narra ba'ee
Ilaali mee harmee koo
Jarti koo ya giifti koo
Egaa mee egetanaa
Fardda yaabi dannabsi
Kan lafti siiqu dalgaa
Waami iyyu nama araphsi
Kan sitti xiixun arga
Ilmatu naa ga'ee jedhi
Tolee naa darbe jedhi
Yoona malee yoomiree
Aayyo mucaan joobiree
Yoona kana yoonnisa
Jarti mucaan roorrisaa
Yeroo raatuun baqattu
Yeroo gootn danfitu
Yomma sarbbaa tuulani
Yomma darbaa duulani
Gaachana duulaaf bitu
Yoo dhibeef kosii itti haru
Ilma duulaaf dhashatu
Kan dhibeef qochiifatu
Wayya koo dhuma hin dhoolle
Maafan hiddi irraa dheessa?
Turraan jirbi balleessaa
Lubbu koo dhu'a hin dhoolle
Maafan duula irraa dheessa?
Turraan lammi balleessa
Ilaala mee lammi koo
Lammi koo ya taaji koo
Attam goonee goonure?
Karaa nagaarra demuuf
Duubaan ganuun nu nyaate
Ormi abshaalu baa'ate
Kam gabbarre dandeenya?
Hund yoo nyaara bubbute
Xixinesseen beela'a
Yeroon waa nyatan geesse
Xixinesseen geerara
Yeroon waa yaadan geesse.
Aayyoon dhiira deesse woo
Yeroon dhiiraas geesse woo

Gaatraa muka silkii
Kan maccatti odeessitu
Jirti boontittin tokko
Kan dhaariin bubeessitu
Kulli kulliin handaaqoo
Lafa garbuutti yaate
Duti dutiin ...
Page: 1
 

Help

  • Select one or more words an get availables translation in Logos Dictionary.
  • Set the number of words for each page an refresh the content.
  • Go to begin of the document
  • Go to previous page
  • Go to next page
  • Go to the end of document
  • Libri.it

    MIRALA SIRENETTABELLA BAMBINA DAI CAPELLI TURCHINICOSÌ È LA MORTE?
  • Libri.it
  • Treccani